Bagaa Nagaan gara dachee oromiyaa duftaan

0
13

Baga Gara Dachee Oromiyaa Biyyaa Hayyuu Qaraa Biyya Biflewwanii Badhaatuu, Gabbattuu Magarsituu Hundaa Nagayaan dhuftan!Oromiyaan Dachee Seenaa qabeetti Biyya Qabeenya Uumamaafi Namtolcheetiin badhaate,Ummata Aadaa,seenaafi Afaan isaatiin boonu kan qabdu,akkasumas baay’ina Ummataatinis ta’ee bal’ina dacheetin heddu kan bekkamtu; bal’ina Afaansaatiin akka dachee Afriikaatti sadarkaa 3ffaa iratti kan argamu dachee Laliftuufi magariisa bonaafi gannaati oromiyaan.

Uumamaafi Teessumni lafashee midhagaan,haala qilleensashee mijaawaa dabalatee,Obsaafi gaarummaan Uummatichaa ,kabajaafi jaalalli, duudhaafi Aadaan waldandeettii Ummata Oromoo Itiyoophiyaaf beekkamtii ,Oromiyaaf immoo miidhagina addaa kan kennufi akkasumas bakka gahumsa tuuristiifi hafuura fudhannaa addaa ishii taasisa.

Hunda caalaa wantoota Oromiyaa filatamtuufi jaalatamtuu akkasumas bakka hawwata tuuristii taasisan keessaa hangafootni holqa uumamaa guddicha Addunyaa keenyaa Holqa Soof Umar ,Paarkii guddicha Gaareen Baalee Afriikaa kanta’e Paarkii Biyyoolessaa Baalee , Bakka qubannaafi jireenya Jannataa Shimbirroolee kan ta’e Haaroowwan naannawa Riiftiivaalii ,naannawa argama ilma namaa jedhamuun kan beekkamu naannoo aki’ooloojikaala Malkaa Qunxurree ,akkasumas iddoowan amantaa waggoottan dheeraa lakkofsisan kanneen akka Gadaamotaa ,Masaajidootaa,masaraawwan mootoolee duriifi fakkeenya jalqabbii madda Diimokraasii Addunyaa kenyaa kan ta’e Sirni Gadaa Oromoofi kanneen biro hawwatafi bakkeen gahumsa tuuristootaa biyya keenyaa keessaa sadarkaa tokkoffaa irratti akka argamnu wantoota nu taasisan keessaa isaan muraasa .

Nooruu! Anaa Dhufu!

Kottaa Nu Daawwadhaan Affeerraa Keenya!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here